Skip to main content

Posts

Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee

  Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee 1 taptap 2 Netflix SV4 3 Barinsta - Open-source alternative Instagram client 4 NewPipe has been created with the purpose of getting the original YouTube experience on your smartphone without annoying ads and questionable permissions. 5 F Droid - is an installable catalogue of FOSS (Free and Open Source Software) applications for the Android platform. The client makes it easy to browse, install, and keep track of updates on your device. 6 Face Slim - is an alternative Facebook client that brings together in the same app both the social network and Messenger, the company's messaging and chat app 7 Youtube Vanced - is the stock Android YouTube app, but better! Includes adblocking, true amoled dark mode and a lot more. Use the handy Vanced Manager to install YouTube Vanced with ease. 8 Slide
Recent posts

SEENAA AJAA'IBAA - Felix B Carter

➥ Namoota ogummaa isaanii fi yaadni isaan keessaa burqu ajab nama jechisiisu, nama umurii isaa 36 keessatti kitaabota 89 barreesse Felix B. Carter. ●️ Felix umurii ijoollummaa isaa waggaa 15niin dura mucaa abaaramaa, kan maatiif hin ajajamne, yeroo hunda bakka badii kan ooluu fi barnootattis baay'ee dadhabaa kan tureedha. ●️ Manaa baruumsaa itti baratu keessaa namni sadarkaadhan isaa gadi ta'e hin jiru. Maatiin isaa warra sooressa jedhamuun biyyattiitti maqaa guddaa qabaniidha. Daldala warqeen kan beekaman harmeen Felix qabeenya hedduu kuufachuun jireenya gaarii jiraatu. Abbaan isaa mana Kitaabaa guddaa sadarkaa biyyaatti dorgomaa ta'e hundeessuun dubbiftoota hedduu horachuun sammuu namaa hedduu dammaqseera. ●️ Feelix hanga kutaa 6 gahutti hangas mara nama sammuu sirrii hin fakkaatu. Faallaa waan deemuuf, Isaaf "godhiin dhiisii yoo ta'u, dhiisiin immoo godhiidha. Firaa fi hiriyyaan hunduu yoo gorsan gurra ittiin isaan dhagahu hin qabu. ●️ Feelix jechuun afaan iskoo...

MEE ODUU DURII KANAAN BOHAARAA

Bar-Tokko Hilleettiin quuftee Mana Leencaa fi Qeerramsaa Deemte  jedhama. Isuma ol seentu lamaanuu utuu Haraqee dhugaa jiranii argattee  Leencatti ol utaaltee Akkas jette."Sii,Maaltuu Mootii Bineensotaa godhee  si muudeennaan Ani Mootii Bineensota hundumaati jettee dhaadatta?"jett e. Leencimmoo Homaa itti deebisuu dhiisee callisee Haraqeesaa dhuguu  itti fufe. Kana Gidduutti ol utaaltee Qeerramsarra Buutee Morma qabdee  Akkas jette. "Kan Leencaa Utuu gubee nu waaduu Atis Ani Mootii  Bineensotaadha Jetta jedhani atis Maal waan taataniif nutti dhaadattu  isin" Jettee dhaabbatte mudhiishee qabattee. Homaa itti deebisuu d innaan aartee araqee xaasaa lama,kan leencaas,kan qeerramsaas  fuutee dhugdee qajeelte. Dhugaatichi humnashee ol waan ta'eef deemuu  dadhabdee balbalarratti kufnaan Obbo Leencoon "Ka'ikaa Laaqana  nyaannaa" jedhee Qeerramsa afeere. Gaafa Ilaalanii Qabaa isaanii k eessaa mullachuu dinnaan anatu nyaata ..anatu nyaataarratti w...

LOQODA/LOOGA OROMOO BOORANAA GARA OROMOO WALTAWAATTI

 LOQODA/LOOGA OROMOO BOORANAA GARA OROMOO WALTAWAATTI Halkuma__fuudhaaf heeruma Alaqaa__kaameettii Adaayyuu__bosseettii Hurrisuu_ariifachuu Imbiiraa__plaastikii Kar-mura__jallaa Kayima__dardara, nama diqqaa Maachuu__itti toluu Malfachuu__dabsachuu, moo'uu, injifachuu Aabba__Obboo Haatoo__aaddee Dedhuu__dagachuu, irraanfachuu Shoorkii__dhimma Daayimtuu__Oduu Cirreessa__ogeessa yaalaa Corooruu__wal faana hiriiruu Buudhoo__ciree osoo Hin nyaatin Gudoo__jecha jaalalaa fkn lubbuu koo Fulaa__iddoo, bakka Eloo__dhamaatii, ifaajee Qolchuu/shiindhuu__injifachuu(fiigichaaf) Murnya__kutaa Marroo/taraa__dabaree, faroo Malfachuu/dabsachuu__moo'uu, injifachuu Suufuu__fuunfachuu Ceera/fafa/fokkoo__saalfii, qaanii Xuxxupha__guutuu, kan guutame Diida__dirree, iddoo muka Hin qabne Qoortii__kan kormaaf gaarii ta'e(horiif) Geellaba__kan kormaaf Hin taane (horiif) Hamphaaruu__olfuudhuu Kurumphachuu__irraa utaaluu Laanaa__suuta Diirama__ganama Buuyyoo__marga Balchaa__nama gaarii, Arjaa Hamaa__na...

Karaa appin nu hordofa

App keenya link kana gadii jiruu irraa buufachuun nu hordofa   https://drive.google.com/file/d/1Dr4FcPdB688x7T7-LciZLq2FDh0wzrLR/view?usp=drivesdk Download

Waan namichaa fi intala tokko xiyyaara keessatti mudate

Namicha tokkotu utuu xiyyaaraan adeemuu bubbee hamaan xiyyaara inni keessa jiru mudate. Akkas jedhee mudannoo isaa dubbate ''Utuuma nagaan deemnu bubbeen nu mudate. Xiyyaarichi takka gadi bu'ee waanuma kufe fakkaata, achimmoo ol deebi'a ture. Hundumtuu wawwaachaa ture. Anis baay'een na'e. Har'a guyyaa du'akooti jedhee onneenkoo na keessaa ba'uuf kaate. Namoonni hundumtuu raafamanii hedduu sodaatan.. Utuuma kanaan jirruu mucaa dubaraa tokko gama keessan teessu yeroon ilaalu hoomaa naasuu hin qabdu. Gurraa isheetti 'Ear phone' godhattee waa dhaggeeffachaa kitaaba dubbifti. Takka miilla ishee walirra qaxxaamursitee teessi. Takka takkammoo ni diriirfatti malee bubbee sanaaf tasuma xiyyeeffannoo hin laattu ture. Maal kun du'a hin sodaattumoo? Maalumatu akkas ishee bashannansiisa jedheen itti aare. Booda gaafa bubbee sana keessas dabarree xiyyaarri keenya bakka deemaa jirruun nu ga'u namoonni dafanii xiyyaara sana keessaa babbaa'anii so...

Bofa Jeedalaa fi Nama - oduu durii

Dur dur jedhan bofatuu utuu deemuu laga guddaa tokkotti dhufee akka cee'uun dhabee utuma qarqara lagichaa dhaabbatee gadduu namichi tokko kan gama cee'uuf deemu itti dhufe jedhan Maal taate maaf akkanatti gaddita jedhee bofa gaafate bofnis fayyaalessa fakkaatee dhimma ariifachiisaa wayii gama sanaa qaba garuu laga ksna cee'uu dadhabe jedhen namtichis mee an maal si haa qarqaaruree jedheen Bofichis morma keetti maramee gama ba'aa jedheen namtichis morma ofiitti maree gamaa ba'e Erga gamaan ba'ee booda amma narraa bu'i gama si baasee jedheen hin bu'uu jedheen utuma akkasitti wal mormaa jiranii jl#Jeedalli itti dhufte maal taatan jettee gaafatte dabaree duraa namtichaa kennite Namtichi akkas jedhee komii isaa itti dhiyeeffate Isa laga gamatti rakkate argee rakkoo isaa natti himannaan morma kootti baadhee laga ceesise amma erga cee'ee narraa bu'uu didaara jedhan dabareen bofaa gahee yoo bofni dubbii jalqabuuf jedhu # Jeedalli dursitee morma namaa irr...