Skip to main content

Bofa Jeedalaa fi Nama - oduu durii

Dur dur jedhan bofatuu utuu deemuu laga guddaa tokkotti dhufee akka cee'uun dhabee utuma qarqara lagichaa dhaabbatee gadduu namichi tokko kan gama cee'uuf deemu itti dhufe jedhan Maal taate maaf akkanatti gaddita jedhee bofa gaafate bofnis fayyaalessa fakkaatee dhimma ariifachiisaa wayii gama sanaa qaba garuu laga ksna cee'uu dadhabe jedhen namtichis mee an maal si haa qarqaaruree jedheen Bofichis morma keetti maramee gama ba'aa jedheen namtichis morma ofiitti maree gamaa ba'e Erga gamaan ba'ee booda amma narraa bu'i gama si baasee jedheen hin bu'uu jedheen utuma akkasitti wal mormaa jiranii jl#Jeedalli itti dhufte maal taatan jettee gaafatte dabaree duraa namtichaa kennite Namtichi akkas jedhee komii isaa itti dhiyeeffate Isa laga gamatti rakkate argee rakkoo isaa natti himannaan morma kootti baadhee laga ceesise amma erga cee'ee narraa bu'uu didaara jedhan dabareen bofaa gahee yoo bofni dubbii jalqabuuf jedhu # Jeedalli dursitee morma namaa irra taa'anii fubbii hin himatanii dura morma namaa irraa bu;i jetteen tole jedhee bofichi bu'e sana booda namtichatti ija buttee akka dhakaan dhahee ajjeesu itti himte namtichis gadi jedhee dhagaa lafaa fuudhee boficha of irraa galaate ni gale gara manaa erga galee galee hin teenye # Jeedalattii tooftaa tolchiteefii bofa jalaa isa baafte ajjeessuuf saree qabatee sibiila qabatee itti deebi'e garuu # Jeedaloon nama galataa waan taateef rabbiin ni baaseen dursitee utuu namtichaaf sareen isii hin argin isiin argite boolla wahii keessa jalaa seente Akkas jette Ilma namaatiif duuti ni xiqqaata jette

Comments

Popular posts from this blog

Asoosama"Jaalala obsa dhabe kutaa 1ffaa

JAALALA OBSA DHABE # KUTAA_1FFAA . Urjii jedhamti. Namni ishe arge hunduu ni jaallata. Kutaa 9 osoo barattuu ture gaaffiin jaalalaa isheef dhiyaachuu kan jalqabe. Xalayyaan jaalalaa hedduun isheef haa ergaman malee kan ofitti ishee harkisu tokkollee hin turre. Gaarummaan ishee qofaaf waan kenname fakkaata, eenyuun illee ofitti hin dallansiistu. Urjiin laphee barattoota hundumaa keessa jirti. Kutaa 11ffaa keessa barsiisaan baayoloojii akkuma sa'aatiin lama ta'een barsiisuu jalqabe.

Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee

  Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee 1 taptap 2 Netflix SV4 3 Barinsta - Open-source alternative Instagram client 4 NewPipe has been created with the purpose of getting the original YouTube experience on your smartphone without annoying ads and questionable permissions. 5 F Droid - is an installable catalogue of FOSS (Free and Open Source Software) applications for the Android platform. The client makes it easy to browse, install, and keep track of updates on your device. 6 Face Slim - is an alternative Facebook client that brings together in the same app both the social network and Messenger, the company's messaging and chat app 7 Youtube Vanced - is the stock Android YouTube app, but better! Includes adblocking, true amoled dark mode and a lot more. Use the handy Vanced Manager to install YouTube Vanced with ease. 8 Slide

Waan namichaa fi intala tokko xiyyaara keessatti mudate

Namicha tokkotu utuu xiyyaaraan adeemuu bubbee hamaan xiyyaara inni keessa jiru mudate. Akkas jedhee mudannoo isaa dubbate ''Utuuma nagaan deemnu bubbeen nu mudate. Xiyyaarichi takka gadi bu'ee waanuma kufe fakkaata, achimmoo ol deebi'a ture. Hundumtuu wawwaachaa ture. Anis baay'een na'e. Har'a guyyaa du'akooti jedhee onneenkoo na keessaa ba'uuf kaate. Namoonni hundumtuu raafamanii hedduu sodaatan.. Utuuma kanaan jirruu mucaa dubaraa tokko gama keessan teessu yeroon ilaalu hoomaa naasuu hin qabdu. Gurraa isheetti 'Ear phone' godhattee waa dhaggeeffachaa kitaaba dubbifti. Takka miilla ishee walirra qaxxaamursitee teessi. Takka takkammoo ni diriirfatti malee bubbee sanaaf tasuma xiyyeeffannoo hin laattu ture. Maal kun du'a hin sodaattumoo? Maalumatu akkas ishee bashannansiisa jedheen itti aare. Booda gaafa bubbee sana keessas dabarree xiyyaarri keenya bakka deemaa jirruun nu ga'u namoonni dafanii xiyyaara sana keessaa babbaa'anii so...