LOQODA/LOOGA OROMOO BOORANAA GARA OROMOO
WALTAWAATTI
Halkuma__fuudhaaf heeruma
Alaqaa__kaameettii
Adaayyuu__bosseettii
Hurrisuu_ariifachuu
Imbiiraa__plaastikii
Kar-mura__jallaa
Kayima__dardara, nama diqqaa
Maachuu__itti toluu
Malfachuu__dabsachuu, moo'uu, injifachuu
Aabba__Obboo
Haatoo__aaddee
Dedhuu__dagachuu, irraanfachuu
Shoorkii__dhimma
Daayimtuu__Oduu
Cirreessa__ogeessa yaalaa
Corooruu__wal faana hiriiruu
Buudhoo__ciree osoo Hin nyaatin
Gudoo__jecha jaalalaa fkn lubbuu koo
Fulaa__iddoo, bakka
Eloo__dhamaatii, ifaajee
Qolchuu/shiindhuu__injifachuu(fiigichaaf)
Murnya__kutaa
Marroo/taraa__dabaree, faroo
Malfachuu/dabsachuu__moo'uu, injifachuu
Suufuu__fuunfachuu
Ceera/fafa/fokkoo__saalfii, qaanii
Xuxxupha__guutuu, kan guutame
Diida__dirree, iddoo muka Hin qabne
Qoortii__kan kormaaf gaarii ta'e(horiif)
Geellaba__kan kormaaf Hin taane (horiif)
Hamphaaruu__olfuudhuu
Kurumphachuu__irraa utaaluu
Laanaa__suuta
Diirama__ganama
Buuyyoo__marga
Balchaa__nama gaarii, Arjaa
Hamaa__nama gaarii Hin taane
Kaayoo__milkii
Goblola__raqa, waan du'ee bosbose
Sagalee__nyaata
Qooqoo__haasaa, sagalee
Hidhaana__mudhii
Geerrii__kan sirriitti beeku
Cufa__hunda, maraa
Gololfachuu__nyaachuu, soorachuu
Raasaa/danqaraa__bosona, mandhee
Baleeluu/shoobuu__boonuu
Obeensa__baala mukaa
Caaruu/dhuqqisuu__iyyuu, wacuu
Daafanaa__sodaataa, nunnaa
Dheechuu__baqachuu
Nyaapha/sidii__diina, ammajaajii
Obbaasuu__fixuu, xummuruu
Fooqqisuu_keessaa fixuu (dhangala'aaf) fkn Aanan
# Horaa_bulaa_deebanaa !!
.
Comments
Post a Comment
Yaada keef galaatomi