Skip to main content

Waan namichaa fi intala tokko xiyyaara keessatti mudate

Namicha tokkotu utuu xiyyaaraan adeemuu bubbee hamaan xiyyaara inni keessa jiru mudate. Akkas jedhee mudannoo isaa dubbate ''Utuuma nagaan deemnu bubbeen nu mudate. Xiyyaarichi takka gadi bu'ee waanuma kufe fakkaata, achimmoo ol deebi'a ture. Hundumtuu wawwaachaa ture. Anis baay'een na'e. Har'a guyyaa du'akooti jedhee onneenkoo na keessaa ba'uuf kaate. Namoonni hundumtuu raafamanii hedduu sodaatan.. Utuuma kanaan jirruu mucaa dubaraa tokko gama keessan teessu yeroon ilaalu hoomaa naasuu hin qabdu. Gurraa isheetti 'Ear phone' godhattee waa dhaggeeffachaa kitaaba dubbifti. Takka miilla ishee walirra qaxxaamursitee teessi. Takka takkammoo ni diriirfatti malee bubbee sanaaf tasuma xiyyeeffannoo hin laattu ture. Maal kun du'a hin sodaattumoo? Maalumatu akkas ishee bashannansiisa jedheen itti aare. Booda gaafa bubbee sana keessas dabarree xiyyaarri keenya bakka deemaa jirruun nu ga'u namoonni dafanii xiyyaara sana keessaa babbaa'anii sokkan. Isheen garuu suutuma jettee akka boodatti hafuu taatee jennaan eegeen maaliif akka isheen hin sodaanne gaafadhe.....Ak kamitti bubbee akkasii keessa bashannantee teessa ati? Hin sodaattumoo jedheen gaafadhe. Isheenis akkas jettee naa deebifte.. 'THE PILOT IS MY FATHER AND HE IS TAKING ME HOME' Paayileetiin xiyyaarichaa abbaakooti, manatti na fuudhee galaa jira' kanaaf hin sodaadhu. Abbaakoo beeka jette... Mee seenaa kana asumattin dhaaba.. Jireenyi akkuma xiyyaara sanaati. Bubbee hedduutu itti kaa'a. Nama sodaachisa. Har'i du'akooti gaafa nuuti jennu jiraachuu mala. Garuu akka mucaa dubaraa sanaa yoo xiyyaara jireenya keenyaa irratti Waaqayyo isa jiraata sana paayileetii godhanne, bubbee hamaa kam keessayyuu nu dabarsa. Yeroo hedduu ofiima keenyaa balaliisaa ta'uu barbaanna ta'a garuu of oolchuu hin dandeenyu! Kanaaf Yesuus inni jiraataan nu haa geggeessu! Eeyyee, Waaqayyo bubbee mana keenyatti ka'u nu dabarsa. Biyya keenya bubbee waraanaan rakkattus ni ceesisa! Ni yaadattu miti isa Yesuus gaafa doonii bartootaa ishee liqimfamuuf turte sana Yesuus qilleensa irraa gab godhe. Eeyyee akkasuma bubbee fi dha'aa galaanaa keessa nagaan nu ceesisa..Abbaan keenya rakkina biyya lafaa kana mara keessayyuu nu qaxxaamursee mana galgalaatti nu fudhatee gala. Utuuma bubbeen jiruu Waaqayyoon ilaalle kolfaa, gammadaa amantiidhaan, sodaa malee haa jiraannu! Bubbeen jiraachuu isaa caalaa Waaqayyo jiraachuu isaa irratti haa xiyyaaffannu! Eebbifamaa!! Via Asefa Wakjira

Comments

Popular posts from this blog

Asoosama"Jaalala obsa dhabe kutaa 1ffaa

JAALALA OBSA DHABE # KUTAA_1FFAA . Urjii jedhamti. Namni ishe arge hunduu ni jaallata. Kutaa 9 osoo barattuu ture gaaffiin jaalalaa isheef dhiyaachuu kan jalqabe. Xalayyaan jaalalaa hedduun isheef haa ergaman malee kan ofitti ishee harkisu tokkollee hin turre. Gaarummaan ishee qofaaf waan kenname fakkaata, eenyuun illee ofitti hin dallansiistu. Urjiin laphee barattoota hundumaa keessa jirti. Kutaa 11ffaa keessa barsiisaan baayoloojii akkuma sa'aatiin lama ta'een barsiisuu jalqabe.

Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee

  Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee 1 taptap 2 Netflix SV4 3 Barinsta - Open-source alternative Instagram client 4 NewPipe has been created with the purpose of getting the original YouTube experience on your smartphone without annoying ads and questionable permissions. 5 F Droid - is an installable catalogue of FOSS (Free and Open Source Software) applications for the Android platform. The client makes it easy to browse, install, and keep track of updates on your device. 6 Face Slim - is an alternative Facebook client that brings together in the same app both the social network and Messenger, the company's messaging and chat app 7 Youtube Vanced - is the stock Android YouTube app, but better! Includes adblocking, true amoled dark mode and a lot more. Use the handy Vanced Manager to install YouTube Vanced with ease. 8 Slide