Skip to main content

SEENAA AJAA'IBAA - Felix B Carter


➥ Namoota ogummaa isaanii fi yaadni isaan keessaa burqu ajab nama jechisiisu, nama umurii isaa 36 keessatti kitaabota 89 barreesse Felix B. Carter.

●️ Felix umurii ijoollummaa isaa waggaa 15niin dura mucaa abaaramaa, kan maatiif hin ajajamne, yeroo hunda bakka badii kan ooluu fi barnootattis baay'ee dadhabaa kan tureedha.

●️ Manaa baruumsaa itti baratu keessaa namni sadarkaadhan isaa gadi ta'e hin jiru. Maatiin isaa warra sooressa jedhamuun biyyattiitti maqaa guddaa qabaniidha. Daldala warqeen kan beekaman harmeen Felix qabeenya hedduu kuufachuun jireenya gaarii jiraatu. Abbaan isaa mana Kitaabaa guddaa sadarkaa biyyaatti dorgomaa ta'e hundeessuun dubbiftoota hedduu horachuun sammuu namaa hedduu dammaqseera.

●️ Feelix hanga kutaa 6 gahutti hangas mara nama sammuu sirrii hin fakkaatu. Faallaa waan deemuuf, Isaaf "godhiin dhiisii yoo ta'u, dhiisiin immoo godhiidha. Firaa fi hiriyyaan hunduu yoo gorsan gurra ittiin isaan dhagahu hin qabu.

●️ Feelix jechuun afaan iskootishitti rakkisaa jechuudha.

●️ Badee hin badne Feelix isa "yaadni galgala dhufa, humni ganaama dhuma" jedhantu ta'e.

●️ Feelix tiif yaanni galaafii dhufe. Kitaabota mana kuusaa abbaa isaa

keessa jiru dubbisuu amaleeffate. Keessumaa kitaabni Marklin Verd

barreeffame kan "Wak Dod" yookiin Wal barra jedhu Felixin ijaaree.

●️ Kitaabichi ogummaa guddaan kan barreeffame yoo ta'u Markliin fi Felix

walbarsiisee hiriyyoota isaan taasise. Feelix yaada Markliin guutumaa

guutuutti yommuu amanu nama qajeelaa ta'uu danda'e.

➦ Argitee! Kan eenyuyyuu jijjiruu dadhabee itti dhiise kitaabni tokko

salphaattii jijjiruu isaa. Akkuma Kitaaba Marklin dubbisee xumure baatii

tokko booda Kitaaba "Istai magki perusie" yookiin "Gaaddidduu kooti"

jechuun barreessee maxxansiisuun gabaarra oolchee beekamtii guddaa gonfate.

●️ Kitaabni isaas Doolaara Ameerikaa miliyyoona 1.7n gurguramee wanta ajaa'ibaa jedhame. Dubbistoota hedduu horachuun jaallatamummaa olaanaa argate. Baruma walfakkaatu keessa kitaabota falaasamaa, asoosama, walaloowwan fi kan kana fakkaatan 13 barreessee maxxansuun gatii gaariin gurgurate.

●️ Barnoota isaattis barataa cimaa ta'uun Waggaatti badhaasa sadi argate. Dargaggoota yeroo gabaabatti jijjiraman jedhamuun akka biyyaatti badhaasa guddaa fudhate. Bifuma wal fakkaatuun waa'ee seenaa isa darbee sana barreessee kitaabolee 4 maxxansiise.

■ sᴇᴇɴᴀᴀ ꜰᴇᴇʟɪx ɪʀʀᴀᴀ ᴡᴀɴᴛɪ ʙᴀʀᴀᴛᴀᴍᴜ:

➊. Akkaataa fi haalli itti adeemaa jirtu kun dhuma kee hin ibsu. Wanti bor

ta'u wanta biraati. Waa'een kee haa odeeffamuu ati garuu isa odeeffamuu

miti isa odeessanis.

➋. Waan si gorsan hunda osoo hin taane naaf ta'a kan jettu fudhadhu!

➌. Isa kaleessa turte irraa geeddaramtee gara jireenya fooyya'aatti

geeddaramtee jirta taanan dhimmicha of keessaa baasii kaanis barsiisi!

Comments

Popular posts from this blog

Asoosama"Jaalala obsa dhabe kutaa 1ffaa

JAALALA OBSA DHABE # KUTAA_1FFAA . Urjii jedhamti. Namni ishe arge hunduu ni jaallata. Kutaa 9 osoo barattuu ture gaaffiin jaalalaa isheef dhiyaachuu kan jalqabe. Xalayyaan jaalalaa hedduun isheef haa ergaman malee kan ofitti ishee harkisu tokkollee hin turre. Gaarummaan ishee qofaaf waan kenname fakkaata, eenyuun illee ofitti hin dallansiistu. Urjiin laphee barattoota hundumaa keessa jirti. Kutaa 11ffaa keessa barsiisaan baayoloojii akkuma sa'aatiin lama ta'een barsiisuu jalqabe.

Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee

  Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee 1 taptap 2 Netflix SV4 3 Barinsta - Open-source alternative Instagram client 4 NewPipe has been created with the purpose of getting the original YouTube experience on your smartphone without annoying ads and questionable permissions. 5 F Droid - is an installable catalogue of FOSS (Free and Open Source Software) applications for the Android platform. The client makes it easy to browse, install, and keep track of updates on your device. 6 Face Slim - is an alternative Facebook client that brings together in the same app both the social network and Messenger, the company's messaging and chat app 7 Youtube Vanced - is the stock Android YouTube app, but better! Includes adblocking, true amoled dark mode and a lot more. Use the handy Vanced Manager to install YouTube Vanced with ease. 8 Slide

Waan namichaa fi intala tokko xiyyaara keessatti mudate

Namicha tokkotu utuu xiyyaaraan adeemuu bubbee hamaan xiyyaara inni keessa jiru mudate. Akkas jedhee mudannoo isaa dubbate ''Utuuma nagaan deemnu bubbeen nu mudate. Xiyyaarichi takka gadi bu'ee waanuma kufe fakkaata, achimmoo ol deebi'a ture. Hundumtuu wawwaachaa ture. Anis baay'een na'e. Har'a guyyaa du'akooti jedhee onneenkoo na keessaa ba'uuf kaate. Namoonni hundumtuu raafamanii hedduu sodaatan.. Utuuma kanaan jirruu mucaa dubaraa tokko gama keessan teessu yeroon ilaalu hoomaa naasuu hin qabdu. Gurraa isheetti 'Ear phone' godhattee waa dhaggeeffachaa kitaaba dubbifti. Takka miilla ishee walirra qaxxaamursitee teessi. Takka takkammoo ni diriirfatti malee bubbee sanaaf tasuma xiyyeeffannoo hin laattu ture. Maal kun du'a hin sodaattumoo? Maalumatu akkas ishee bashannansiisa jedheen itti aare. Booda gaafa bubbee sana keessas dabarree xiyyaarri keenya bakka deemaa jirruun nu ga'u namoonni dafanii xiyyaara sana keessaa babbaa'anii so...