Skip to main content

Asoosama"Jaalala obsa dhabe kutaa 1ffaa


JAALALA OBSA DHABE
# KUTAA_1FFAA .
Urjii jedhamti. Namni ishe arge hunduu ni
jaallata. Kutaa 9 osoo barattuu ture gaaffiin
jaalalaa isheef dhiyaachuu kan jalqabe.
Xalayyaan jaalalaa hedduun isheef haa
ergaman malee kan ofitti ishee harkisu
tokkollee hin turre. Gaarummaan ishee
qofaaf waan kenname fakkaata, eenyuun
illee ofitti hin dallansiistu. Urjiin laphee
barattoota hundumaa keessa jirti.
Kutaa 11ffaa keessa barsiisaan baayoloojii
akkuma sa'aatiin lama ta'een barsiisuu
jalqabe.
Osoo inni barsiisu barattoonni afur dhufan
innis akkuma isaan ol seensiseen "sa'aatii
kanaa kaasee barataan barfatee dhufe
wayitii koo torban tokkoof hin baratu"
jechuun seera haaraa tume. Kun hundi yeroo
ta'u garuu urjiin hin turre.
Barfattee waan dhufteef seerichi erga
tumamee booda dhufte. isheenis 'balbala
rurrukutee daree jeequurra" jettee callistee
osoo seentuu barsiisan "Achuma
dhaabbadhu" jedheenii, "barattoota barfatan
adabaan jira, ati garuu kana quban qabdu
waan ta'eef barattoonni yoo siif eyyaman ni
seenta" jedheen.
Barattoonnis sagalee tokkoon "haa seentu"
jedhan. Kana gidduutti garuu sagaleen
mormii dhagaa'ame innis Nimoonaa ture.
"Tasuma seenuu hin qabdu! Warri kaan
maalif adabaman? Har'a isheen seennaan,
kana booda anis barfadhee dhufeen seena"
jedhe.
Iji Urjii fi Nimoonaa walirra bu'e.
Nagaa gaafateeniiyyuu hin beeku.
Urjiin yeruma sana fiigichaan manatti galte.
Barsiisichis dubbii Nimoonaatti aaree
"Barnoonni keenya har'a asuma irratti nu haa
ga'u" jedhe. Adabamuun urjii barsiisicha
dabalatee barattoota hunda dallansiiseera.
Urjiin akkuma mana geesseen saanduuqa
ishee bantee xalayyaawwan hanga yoonaatti
isheef ergaman sakatta'uu jalqabde, garuu
Nimoonaa kan jedhu tokkollee hin turre. "inni
eenyudhaa??" jette urjiin.
Borumtaasaa Nimoonaan gaattiraa daree
isaanii fuldura jiru jala taa'ee argite. "Sii"
jette urjiin akkuma isa bira geesseen "ani
Urjiin baradhus, baraachuu baadhus
qormaata hojjechuun koo hin oolu, Garuu
barattoota warra kan miiteetta" jetteen.
Adabbii ishee osoo hin xumurin dhufuun
ishee Nimoonaa ajaa'ibsiiseera, innis
"Barattoota lama adabamanii fi ati
miidhamuu dandeessu! Garuu barattoonni
50(shantamni) fayyadamoo ta'u, akkamitti
yoo jette isiniin ilaalanii barfannaa irraa of
qusatu" jedheen.
Yeroo kana Urjiinis ija babaaste...
# itti_fufa ...

Comments

Popular posts from this blog

Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee

  Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee 1 taptap 2 Netflix SV4 3 Barinsta - Open-source alternative Instagram client 4 NewPipe has been created with the purpose of getting the original YouTube experience on your smartphone without annoying ads and questionable permissions. 5 F Droid - is an installable catalogue of FOSS (Free and Open Source Software) applications for the Android platform. The client makes it easy to browse, install, and keep track of updates on your device. 6 Face Slim - is an alternative Facebook client that brings together in the same app both the social network and Messenger, the company's messaging and chat app 7 Youtube Vanced - is the stock Android YouTube app, but better! Includes adblocking, true amoled dark mode and a lot more. Use the handy Vanced Manager to install YouTube Vanced with ease. 8 Slide

Waan namichaa fi intala tokko xiyyaara keessatti mudate

Namicha tokkotu utuu xiyyaaraan adeemuu bubbee hamaan xiyyaara inni keessa jiru mudate. Akkas jedhee mudannoo isaa dubbate ''Utuuma nagaan deemnu bubbeen nu mudate. Xiyyaarichi takka gadi bu'ee waanuma kufe fakkaata, achimmoo ol deebi'a ture. Hundumtuu wawwaachaa ture. Anis baay'een na'e. Har'a guyyaa du'akooti jedhee onneenkoo na keessaa ba'uuf kaate. Namoonni hundumtuu raafamanii hedduu sodaatan.. Utuuma kanaan jirruu mucaa dubaraa tokko gama keessan teessu yeroon ilaalu hoomaa naasuu hin qabdu. Gurraa isheetti 'Ear phone' godhattee waa dhaggeeffachaa kitaaba dubbifti. Takka miilla ishee walirra qaxxaamursitee teessi. Takka takkammoo ni diriirfatti malee bubbee sanaaf tasuma xiyyeeffannoo hin laattu ture. Maal kun du'a hin sodaattumoo? Maalumatu akkas ishee bashannansiisa jedheen itti aare. Booda gaafa bubbee sana keessas dabarree xiyyaarri keenya bakka deemaa jirruun nu ga'u namoonni dafanii xiyyaara sana keessaa babbaa'anii so...