Skip to main content

Bona

Bona- Har'a ganamummaan hojiidhaaf
             bobba'ee Danda'ee hin dubbadhu
             wanta raajiin ta'e.
Caalaa- Maal obboleessa koo maaltu sii
                mudatee?
              Mee taa'ii naa himi maaltu immoo
              dhalatee?

Bona- Jedhi siifan himaa amanuu baattu

            illee.
           Akkaan asii deemeen magaalatti
           galee
           Qaroo kootiin argee saawwa harree
           dhale.
           Kana bira kuteen, naasuudhaan
           roqomaa,
          Ana gadi bu'u,uttu hin ce'in gama,
          Dhagaan bishaan biraa,walga'ee
           daraaree,
         Ililli isaa ilaalleen baayyee na mararee
         Kutee fiduuf jecha, anaa itti qaxxisu,
         Gurra koo na bute, wanti sossokossu.
         Anumaa waan jiru, barbaaduu jalqabu
        Natti adeemaa jira bofti miilla qabu.
        Na qabachuuf jedhee, harka natti
         hiixate
        Jabinna koo argee fiigee na baqate.
        Ati illee hin beektuu, galaana guddicha,
       Kan laga ol yaa'u yaabbachuuf gaaricha.
       Daakuuf yeroo dhabeen, naasuu irra
       kan ka'e
       Meetra digdama tarkaanfadheen ce'e.
       Daa'imeen ol ba'e waaquma kadhadhee,
       Kan jiru waa argaa kan sii ajaa'ibu
       Ijjumaan milladhee,farda gaanfa qabu
       Alanas wareeree utuun lubbuuf
        Kaadhuu,
       Kan biraa ammoo arge isaa illee hin
       dubbadhu!

Comments

Popular posts from this blog

Asoosama"Jaalala obsa dhabe kutaa 1ffaa

JAALALA OBSA DHABE # KUTAA_1FFAA . Urjii jedhamti. Namni ishe arge hunduu ni jaallata. Kutaa 9 osoo barattuu ture gaaffiin jaalalaa isheef dhiyaachuu kan jalqabe. Xalayyaan jaalalaa hedduun isheef haa ergaman malee kan ofitti ishee harkisu tokkollee hin turre. Gaarummaan ishee qofaaf waan kenname fakkaata, eenyuun illee ofitti hin dallansiistu. Urjiin laphee barattoota hundumaa keessa jirti. Kutaa 11ffaa keessa barsiisaan baayoloojii akkuma sa'aatiin lama ta'een barsiisuu jalqabe.

Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee

  Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee 1 taptap 2 Netflix SV4 3 Barinsta - Open-source alternative Instagram client 4 NewPipe has been created with the purpose of getting the original YouTube experience on your smartphone without annoying ads and questionable permissions. 5 F Droid - is an installable catalogue of FOSS (Free and Open Source Software) applications for the Android platform. The client makes it easy to browse, install, and keep track of updates on your device. 6 Face Slim - is an alternative Facebook client that brings together in the same app both the social network and Messenger, the company's messaging and chat app 7 Youtube Vanced - is the stock Android YouTube app, but better! Includes adblocking, true amoled dark mode and a lot more. Use the handy Vanced Manager to install YouTube Vanced with ease. 8 Slide

Waan namichaa fi intala tokko xiyyaara keessatti mudate

Namicha tokkotu utuu xiyyaaraan adeemuu bubbee hamaan xiyyaara inni keessa jiru mudate. Akkas jedhee mudannoo isaa dubbate ''Utuuma nagaan deemnu bubbeen nu mudate. Xiyyaarichi takka gadi bu'ee waanuma kufe fakkaata, achimmoo ol deebi'a ture. Hundumtuu wawwaachaa ture. Anis baay'een na'e. Har'a guyyaa du'akooti jedhee onneenkoo na keessaa ba'uuf kaate. Namoonni hundumtuu raafamanii hedduu sodaatan.. Utuuma kanaan jirruu mucaa dubaraa tokko gama keessan teessu yeroon ilaalu hoomaa naasuu hin qabdu. Gurraa isheetti 'Ear phone' godhattee waa dhaggeeffachaa kitaaba dubbifti. Takka miilla ishee walirra qaxxaamursitee teessi. Takka takkammoo ni diriirfatti malee bubbee sanaaf tasuma xiyyeeffannoo hin laattu ture. Maal kun du'a hin sodaattumoo? Maalumatu akkas ishee bashannansiisa jedheen itti aare. Booda gaafa bubbee sana keessas dabarree xiyyaarri keenya bakka deemaa jirruun nu ga'u namoonni dafanii xiyyaara sana keessaa babbaa'anii so...