#Basic_Cpp1(c++)
C++n yeroo dubbisamuu sii pilas pilaasi jedhama. Innis gosoota programming (afaan oromoon hiikka hin argannefani dhifama) keessaa tokkodha.
đź’ Programming Maalidha?
Programming n ogummaa karaa oggeessa computeratin argamu yoo tahu , Innis dandeetii computerri waanta barbadamee tokko akka hojjetu taasisa.
đź’ Afaan Programming Jechuunhoo?
Afaan programmingn Abba barreesurraatti huunda'uun bakka bu'eewwaan adda addaa fayyadaamuun qaamni computera hojii barbadamu akkaanni hojjetuu gochuudha.
đź’ Programming gosaa sadiitu jiru:
1: procedural ( waldura dubaan kan hojjetuu{
2: Structured ( kan function irraa dedeebiin fayyadaamuu dandenyudha fkn : c language...)
3: Object Oriented programming (OOP) (kuun programichii yuunitoota ofdanda'aan irra kan ijaaramufi waant hundi kan wantootati (objects) fakkeeffamuudha. Fkn: c++,java,c#...)
đź’ Compiler (Qoophessaa) fi Interpreter (Hikaa)
Jarren kun programoota nut afaanoota adda addaattin barreesinee gara afaan machine (1 fi 0) computer hubachuu dandahuutii nuuf hikuu.
🛑Compilerin erga program barreesinee boodaa dogoggoora yoo qabatee nutti hima.(fkn c++,fortran...)
🛑Interpreter moo osoo nuttii barressaa jirruu yoo dogoggorree achumatii nutti hima.(fkn.QBASIC,Lips...)
Wahee programming asumaa irratti rawaanna.
Yadachisa‼️ namoonni dandessan #flowchart fi #algoritm dubbisaa
#Basic_Cpp2(c++)
đź’ Waantotaa #C++ barachuuf nu gargaraan:
📱 Moobayila keessanin (android) yoo tahe : Application (moosajjiwwaà n) kanneen akka
- c++ droid
- c++ compiler
Android keenyarratti fe'aachuti qabna.
💻🖥 Computer dhaan yoo tahe :moosajjiiwwaan kanneen akka
-Dev c++
-Code block
Comoputeraa keenyatti fe'achuu qabna.
đź’ Warreen Mobaayilaa keessanin baraachuu barbadaniif mosaajjii(IDE) isniif upload nan godha.
Maddi:- t.me/oroprog
Itti Fufa........

Comments
Post a Comment
Yaada keef galaatomi