Jaalala jalqabaa
Qulqulluu taliila
Mi'ooftuu akka dammaa
Tan hin qabne jiila
Fakkiin isii adda
Maalitti haa fakkeessu
Ijoollummaa jedhuu
Lafarra daaddisuu
Eeyyeen ijoollummaa
Amma naaf fakkaatte
Cubbuu takkan qabdu
Garaatti baadhattee
Isii kennaa rabbii
Tan badhaasa uumaa
Maaf balleessitu nurraa
Irraa fixxee dhama
Goggogsitee garaa
Addeessitee qaama
Nuuf haa deebitu jennee
Jaalalti jalqabaa
Haa gaafannuu maaloo
Numaaf bu'aa qabaa
Silaa namni hundi
Abdii gaarii qabaa
Hamilee horatee
Hojiidhaaf ta'aabaa
Yaa ilma namaa kadhadhu
Jaalala qulqulluu
Tan idduma hundaa
Mul'attu akka tulluu
Gaafa isiin jirtu
Namni wal iyyaafata
Garaan soba barre
Dhugaadha dubbata
Kanaafuu yaa nama
Al tokko dhaabbataa
Ilaalladhu ofirraa
San booda jaalattaa
Comments
Post a Comment
Yaada keef galaatomi