Skip to main content

Beektuu mee jamaa



Beektuu mee jamaa
anumti meeqan ta'ee?!
boolla meeqa seenen
meeqa keessan ba'e
Boo'i jennaan boo'e
yaadi jennaan yaade
taa'i jennaan taa'e
badi jennaan bade
gammachuu dhokatteef
gadii jennan gadde
an' barbaacha'n dhaqne
dhiisi jennaan dhiise

caarraqqii dhoowwamnaan
adabadhee ciise
jaal'u jennaan jaal'e
jibbi jennaan jibbe
mee an' maal godheen
kan jaalalti na erbe?
Bishaan biyya jiruun
jaalalaan dheebodhe
garaa daakuu dideen
deega mataan uffadhee
biyya jiidhaa taa'en
qaamaan daaraa baadhe!!
Onnee koo saamameen
onnee koo sarbame
onnee koon tumame!!
Bultee bara sanaa
akka jaarsa ammaa
faallaa isa durii
onnee koot' na dide
galgala dhalatus
hin arganne barii!
Akk' abbaa biddeenaan
jaalalaan bitamee
isaan jaji'ame
kunoo nan kotota
jiruu biyya lafaan
jaalalaan dhaaname
bara lubbuun
raakammii raakamee
Akkanaan xumurame
   ~~~~~~~~~

Comments

Popular posts from this blog

Asoosama"Jaalala obsa dhabe kutaa 1ffaa

JAALALA OBSA DHABE # KUTAA_1FFAA . Urjii jedhamti. Namni ishe arge hunduu ni jaallata. Kutaa 9 osoo barattuu ture gaaffiin jaalalaa isheef dhiyaachuu kan jalqabe. Xalayyaan jaalalaa hedduun isheef haa ergaman malee kan ofitti ishee harkisu tokkollee hin turre. Gaarummaan ishee qofaaf waan kenname fakkaata, eenyuun illee ofitti hin dallansiistu. Urjiin laphee barattoota hundumaa keessa jirti. Kutaa 11ffaa keessa barsiisaan baayoloojii akkuma sa'aatiin lama ta'een barsiisuu jalqabe.

Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee

  Appiliikeeshinii iccitii 8 google play irratti kan hin argamnee 1 taptap 2 Netflix SV4 3 Barinsta - Open-source alternative Instagram client 4 NewPipe has been created with the purpose of getting the original YouTube experience on your smartphone without annoying ads and questionable permissions. 5 F Droid - is an installable catalogue of FOSS (Free and Open Source Software) applications for the Android platform. The client makes it easy to browse, install, and keep track of updates on your device. 6 Face Slim - is an alternative Facebook client that brings together in the same app both the social network and Messenger, the company's messaging and chat app 7 Youtube Vanced - is the stock Android YouTube app, but better! Includes adblocking, true amoled dark mode and a lot more. Use the handy Vanced Manager to install YouTube Vanced with ease. 8 Slide

Waan namichaa fi intala tokko xiyyaara keessatti mudate

Namicha tokkotu utuu xiyyaaraan adeemuu bubbee hamaan xiyyaara inni keessa jiru mudate. Akkas jedhee mudannoo isaa dubbate ''Utuuma nagaan deemnu bubbeen nu mudate. Xiyyaarichi takka gadi bu'ee waanuma kufe fakkaata, achimmoo ol deebi'a ture. Hundumtuu wawwaachaa ture. Anis baay'een na'e. Har'a guyyaa du'akooti jedhee onneenkoo na keessaa ba'uuf kaate. Namoonni hundumtuu raafamanii hedduu sodaatan.. Utuuma kanaan jirruu mucaa dubaraa tokko gama keessan teessu yeroon ilaalu hoomaa naasuu hin qabdu. Gurraa isheetti 'Ear phone' godhattee waa dhaggeeffachaa kitaaba dubbifti. Takka miilla ishee walirra qaxxaamursitee teessi. Takka takkammoo ni diriirfatti malee bubbee sanaaf tasuma xiyyeeffannoo hin laattu ture. Maal kun du'a hin sodaattumoo? Maalumatu akkas ishee bashannansiisa jedheen itti aare. Booda gaafa bubbee sana keessas dabarree xiyyaarri keenya bakka deemaa jirruun nu ga'u namoonni dafanii xiyyaara sana keessaa babbaa'anii so...