Skip to main content

Gorsaa

Isaa harkakee irraa jiru hin gadhiisiin Guyyaa tokkoo namicha tokkotu sinbirroo miidhagduu tokkoo barruu harkasaa keessatti qabee ajjeessuuf yeroo ka'u sinbirrittiin jecha lama akka dubbatattu gaafatattee. ""Akkas jette "hadaraa nan ajjeesiin. Gorsa gaarii sadii sin gorsa jettee Innis "na gorsi jedhe Gorsikoo jalqabaa waanta harka kee irraa jiru hin gadhiisiin. " Gorsikoo lammaffaa waanta darbe hundumaaf hin gaddiin" jettee booda calliste. "Gorsa isa sadaffaa natti himikaa jedhe Yeroo ishee gaafatu "gorsi inni sadaffaan ijoolleekeef ijoollee ijoolleekeef waan fayyaduuf yoo na gadhiifte malee sitti hin himu jetten. Yeroo kana namichi gorsa sadaffaa sana dhaga'uuf baay'ee waan sardameef sinbirroo sana gadhiise. Isheenis muka guddaatti ol baatee "maalan siin jedhee ture yaadattaa jettee gaafatte? ""Innis kan harka kee irra jiru hin gadhiisiin jette jedhe. "Inni lammaffaanoo? "Waanta darbe hundumaaf hin gaddiin hin deebiseef. *"Eeyyee . Garuu ati waantan siin jedhe hin fudhanne. Utuu nan gadhiisne ta'ee ijoollee ijoolleekeef kan ta'u warqii argatta ture. Kanadha jette. "Namichi gorsi inni sadaffaan maal tureree jedheeni? ☆♡ ishenis inni sadaffaan irra deebii isa lammaffaati. Waanta dhabdeef hin gaddiin kan jedhuudha. Gorsakoo dhaga'uu waan diddeef Hiyyummaatti jiraatta. Nagaa ta'i jette....

Comments